Mootummaan Itiyoophiyaa Naannoo Amaaraatti Labsii Yeroo Muddamaa Labse

  • VOA

FAAYILII - Magaala Dasee, naannoo Amaaraa

Bulchaan naannoo Amaaraa Yiliqaal Keffaalee haalli nageenya naannoo Amaaraa keessaa balaa irra jiraachuu ibsudhaan tarkaanfiin barbaachisu akka fudhatamu muummicha ministeeraa Abiy Ahimediin erga gaafatanii booda mootummaan Itiyooophiyaa jimaata har’aa labsii yeroo muddamaa labsee jira. Labsiin kunis paalaamaa dhaan raggaasisamuu qaba.

Gumiin ministeerotaa wal ga’ii hatattamaa 23ffaa har’a geggeesseenakka jedhetti gochi seeraan alaa naannoo Amaaraa keessaa qajeelfama heeraa fi nagaa fi tasgabbii uummataa balaa irra buuse jedhe. Haalli naannoo sanaa sadarkaa hojii seera eegisisuu idileetiin ittisuu ykn toachuun hin danda’amne irra ga’e jechuun gumichi beeksisee jira.

Geejjibi lafoo naannoo Amaaraa irraa gara Finfinnee dhaquu fi deebi’u, sababaa walitti bu’iinsa humnota nageenyaa fi garee idilee hin taane kan Faannoo jedhamu gidduutti geggeessamaa jiruuf adda cituu isaa jiraattonni VOAf himaniiru. Magaalaa Laallibalaa fi Gonder keessatti lolli geggeessame dhaabatee jira. Interneetiin naannoo sanaas cufamuun gabaasamee jira. Labsiin yeroo muddamaa kun sochii kan ugguru yoo ta’u nama seera irra darbe illee akka hidhamaniif aangoo kenna.

Haalli nageenya naannoo Amaaraa keessaa kan gad adeemaa deeme erga mootummaan humnoota addaa naannoo sanaa diigamanii gara damee naga eegumsa biyyattii keessatti akka makaman murteessee booda.

Paartiin mormituu Sochiin Amaaraa kan Biyyoolessaa ibsa kana dura baaseen rakkoon nageenyaa amma mul’ataa jiru sababa hojii irra oolchuu waliigaltee nageenyaa Pritooriyaa dabalatee hojiin mootummaa walitti bu’iinsa booda jiru iftoominni waan itti hanqateef jedhee jira. Paartichi itti dabaluudhaan mootummaan rakkoo uummata Amaaraa yaada keessa galchee bifa madaala qabuun dhaggeeffachuu dhabes jedhee jira.