Naannolee Haaraan Kan Uummattoota Kibbaa Mul’inatti Beeksisamuuf Jiru: Bulchaa Naannoo Uummattoota Kibbaa

  • VOA

FAAYILII - Marfata Summudaa, magaala Hawaasaa, Naannoo Sidaamaa, Sadaasa 19, 2019

Manni-maree Naannoo Sabaa Fi Sab-Lammootaa fi Uummattoota Kibbaa walga’ii isaa xumuraa geggeessee jira. Filannoo hiree murteeffannaa yokaa riferendamii godinaalee ja’aa fi konyaalee addaa shan keessatti geggeessame Itiyooophiyaa gama kibbaa keessatti naannoo haaraan akka hundeeffamu taasisee jira.

Kunis Sidaamaa fi naannoo uummattoota kibba gama dhiyaa Itiyoopiyaatti aansee kan yeroo ammaa jiru naannoo uummattoota kibbaa irraa yeroo sadaffaaf godinaaleen adda ba’uu isaanii ti.

SEE ALSO: Mootummaan Itiyoophiyaa Naannoo Amaaraatti Labsii Yeroo Muddamaa Labse

Godinaalee Hadiyyaa, Halaabaa, Guraagee, Kambaataa Xambarroo fi Silxeen, konyaa addaa Yem waliin ta’uu dhaan naannoo giddu galeessa kibbaa jechuunis naannoo arfaffaa uummattoota kibbaattii adda cite uumu jedhamee eegama.

Bulchaan naannoo uummattoota Kibbaa Ristuu Yirdaaw miseensota gumichaaf ibsa kennaniin wal ga’iin kun naannoleen lamana jechuun kibbi Itiyoophiyaa fi naannoon giddu galeessa kibbaa mul’inatti akka beeksisaman gochuuf aangoo walitti dabarsuun ni geggeeffama jedhan.