ECOWAS Prezidaantiin Niijeer Akka Aangootti Deebifaman Gaafate 

  • VOA

FAAYILII - Humnoota ECOWAS, Gaambiyaa, Amajjii 22, 2017.

Biyyoonni Afriikaa dhiyaa fonqolchi mootummaa Niijeer geggeessamee torban tokko booda dimokraasii bakkatti akka deebi’uuf dhimma Niijeer jidduu seenuuf yaadaa ennaa jiranitti, deggertoonni humna waraana kan biyyattii dhibba hedduutti laka’aman kamisa kaleessaa magaalaa galma mootummaa biyyattii Niameey keesatti wal ga’uu dhaan jiddu seeniinsa alaa mormanii jiran.

ECOWAS akka jedhetti, yoo loltoonni prezidaant Mohaammed Baazouum hanga dilbataatti aangootti hin deebisan ta’e, humna waraanaa kan ajaju ta’uu beeksise.

Hooggantoonni waraanaa Baazoumiin erga Adoolessa 26 qabee manaa akka hin baane ugguranii jiran.

Humnoonni Ferensaay Nijeer keessaa ba’uu qaba. Nijeer keessa jiraachuuf sababaan tokko iyyuu hin, Isaanumtuu shororkeessota jedhanii jiran.

Hoogganoonni waraanaa kun Uummanni Nijeer guyyaa hin arga jedhee hin yaadin guyyaa har’aa walaba ba’eera jedhan.

Jeneraal Abdurhamaan Tchianii, hoogganaan waardiyyaan prezidaangummaa duraanii kan ofii isaanii hoogganaa gochuun of moggaasan sababaa lootee seentummaa Islaamummaan kan kan ka’e aangoo qabachuun barbaachisaa dha jedhan.

Prezidaanitiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden, Bazooumiin hatattamaan akka gad dhiisaman gaafatanii jiru. Baayiden ibsa waggaa 63ffaa walabummaa Niijieer ilaalchisee ibsa kennaniin, biyyattiin rakkoo hamaatu isee mudatee jira jedhan.