Hoogganoota Aanaa Gooroo Doolaa Duraanii Hidhamanii Jiran Manni-murtii Akka Wabiin Gad-lakkisaman Ajajus Poolisoonni Gad Hin Lakkisne  

Your browser doesn’t support HTML5

Hooggantoota aanaa Gooroo Doolaa kanneen turan bulchaa aanaa Gooroo Doolaa, itti aanaa Bulchaa, hoogganaa paartii badhaadhinaa dabalatee hojjetootni seekteraalee mootummaa biroollee kan keessatti argaman ji'a tokkoof mana hidhaa jiraniif manni murtii godina Boorana Bahaa mirga wabiin akka bahaan ajajuullee Poolisiin gadhiisuu dhiisuu maatiin namoota mana hidhaa jiran kunneenii Sagalee Ameerikaatti himaniiru.

Hooggantoonni Aanaa Gooroo Doolaa caaseffama haaraan Aanichi Godina Gujiirraa cituun gara godina Haaraa Godina Boorana Bahaatti caaseffamuu mormaniiru jechuun kan to’annaa jala oolfaman.