WAASHINGITAN, DIISII —
Dorgommiin Ispoortii fi agarsiisni aaadaa Oromoo Ameerikaa Kaabaa (OSFNA) marsaa 26ffaa ka bara kana Adooleessa 22 irraa hanga 29 tti keessummeessummaa hawwaasa Oromoo naannoo Waashingtanii fi naannawa isheetiin haala ho’aa taa’een gaggeeffamee Sanbata dabre xumurame.
Agarsiisichi hawwaasalee Oromoo biyyoota ambaa keessa jiraatan walitti fiduun kan beekamu yoo tahu waggaa waggaan gaggeefama. Feestivaala bara kanaa irratti waan addaa mul’ate tokko dorgommii kubbaa Miillaa daa’imman umuriin isaanii waggaa shanii hanga kudha afuriitti jiranii ture.
Dorgmmichi akka agarsiisa OSFNA baranaaf miidhagina addaa kenne dubbatu maatiin daa’immanii fi leejistoonni dorgommichaa.