Dhimma Niijeritti Hummna Bobbaasuu Murtoo Jedhurratti Aangawooa Biyyoota Miseensota  ECOWAS Gidduu Adda Addummaan Akka Jiru Ibsame  

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Gareen lotootaa biyya Niijer keessatti fonqolchaa aangoo raawwatee aangoo mootummaa qabatee jiru Dilbata kaleessaa irraa jalqabee hanga gara fuul-duraatti beeksisni keennamutti daangaa qilleensaa biyyatti balalii xiyyaaraa kamiifuu cufaa taasisuu isaa ibsee jira.

Humnaa garee fonqolcha mootummaa geggeesse sana irratti tarkaanfii fudhaachuuf kan murteesse ECOWAS miseensota isaa gidduu waliigalteen akka hin jiree fi biyyoottan ollaa Niijer biroon humnaan seenanii prezidaantii biyyatti Mohamad Baazuum aangootti deebisuu murtoon jedhu irratti akka amantaa hin qabne ibsanii jiru.Dhimma kana irratti gabbasaleen maddeewwan adda addaa cuunfaman qabna.