Barsiisonni Yuunivarsitii Mattuu maqaa “Jechiika” jedhuun Appilikeeshinii fi maxxansa jechoota teknolooji Afaan oromootti hiiku qopheessanii jiran. Dookter Gaarummaa Abdiisaa, Yuuniversitii Mattuutti barsiisaan barnoota fiiziksii, hojii “jechiikaa” kanarratti barsiisonni kudha jaha hirmaachuu himanii jiran. Hiiktuun jechootaa kun bifa maxxansaa fi applikeeshiniin dhiyaachuullee himanii, Kanaan duras, Appilikeeshinoota barnootaa Afaan Oromoos qophessuu dubbatanii jiran.
Biiroon Barnoota Oromiyaa kitaaba yeroo jalqabaaf Afaan Oromoo fi Teeknolooji walitti buta jedhame kana maxxansee manneen barnootaaf raabsuu isaa dubbate.