Sagantaan Nyaata Adduunyaa Gargaarsaa Isaa Itiyoophiyaa Keessaa Addaan Kutee Ture Suuta-Duutaan Jalqabee Jira 

  • VOA

FAAYILII- Midhaan qarqaarsaa WFP buufata Adaamaa keessatti, Fulbaana 8, 2022.

Sababa midhaan gargaarsaa gabaadhaaf dhihaachaa jiraachuutin kan ka’e Ji’oottan shaman darbaniif, keessumaa Kaaba Itiyoophiyaa keessatti raabsaa nyaata gargaarsaa kan addan kutee ture, Dhaabbbata mootomoota gamtoomanitti Sagantaan midhaan nyaata addunyaa raabsa midhaan gargaarsaa turee amma tokko deebise jalqabuu isaa beeksisee jira. Raabsiin amma jalqabame kun kan yaalii akka ta’es ibsee jira WFPn.

Raabsii midhaan nyaataa addaan cituun isaa lammilee biyyaatti milliyoonii 20 ta’ni fi baqatootaa kuma 800 ta’an miidhuu isaa kan ibsee gabaasin kun, raabsaa yaalii Kanaan namoottan kuma 100 ta’an anaalee Afur keessa jiraatan qaqqabuudhaaf akka karoorfamee ibsee jira.

Gargaarsa namoomaa kan raabsuu dhaabbilee addaan kutan keessa tokko kan ta’e dhaabbanni misoomaa aduunyaa kan Yunaayitid Isteets/ USAID garuu mariin mootummaa itiyoophiyaa wajjin taasisaa jiru waan hin xumuramneef gara nyaata raabsuut akka hin deebine ibsuu isaa Assoosheetid Prees gabasee jira.

Gargaarsii karaa USAID kennamuu mootummaa Yunaayitid Isteetiin kan degeramuu yemmuu ta’u, kan WFP immoo kan degeramu baakii adduunyaatiin akka ta’e ibsameera.

USAIDn dabalatee dhaabbileen gargaarsaa hedduun hojii raabsa gargaarsaa namoomaa keessaa qaamooleen mootummaa akka bahan kan barbaadan ta’uu isaa kan ibsee gabasiin kun, ministeerri dhimmaa alla Yunaayitid Isteets Antoonii Biliinken mummicha ministiraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimadii wajjin dhimma kana irratti haasa’uu isaanii ibseera.

Dhaabbileen gargaarsa namoomaa tokko tokkoo fi hoggantoonni dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa gargaarsichi akka itti fufu gaafachaa jiraachuu isaanii AP gabaaseera.

ap/bd/dw