Mootummaan Eritiraa Mirga Lammiilee Biyyaattii Akka Sarbaa Jiru Gabaasaan Qorannaa Walabaa Ka Mootummoota Gamtoomanii Ibse 

  • VOA

Gamoo Wajjira Muummee Mootummoota Gamtoomanii, Guraandhala 28, 2022.

Lammiileen Ertiraa yemmuu tajaajila biyyaalesaa kan waraanaa keessatti dirqamaan akka hirmaatan taasifaman mirgi namoomaa isaanii akka sarbamu qorataan walabaa kan mootumoota gamtoomanii baqattootaa fi koola galtootaa Eritraa waabeffachuudhaan ibsanii jiru.

Gabaasni qorataa walabaa mirgaa namoo kan mootummootaa gamtoomanii Mohamed Baabiikeern akka qophaa’ee ibsamee kun, lammileen Ertiraa yemmuu dirqamaan tajaajila biyyaalessaa ykn National Service keessatti hirmaatan, reebichii, tufiin, hokorri saalaa fi dhiibaan saala irrati hunda’e biro, hojii umnaa fedhii isaanii malee hojachiisuun akka isaan irratti raawatu himachuu isaanii kan ibsuudha. Akka gabaasinni AP jedhetti.

Gareewwan dhaabbilee mirga namoomaa , Ertiraan biyyoottan Adduunyaa keessa biyyaa mirgaa namoomaa daran sarbituu jedhanii akka waaman kan ibsee gabaasnii kun, mootummaan Ertiraa imaammatin tajaajilaa biyyaaleesaa gara hin taaneetti hiikamaa akka jiruu ibsaa jiraachuu isaa eereera. Sababa dirqamaani tajaajilaa waraanaa kana irratti hirmaachuutiin walqabatee sarbiinsii mirgaa namooomaa raawachaa jiraachuu isaatiif ragaaleen qabatamaa fi gahaan ta’an akka jiran Mohamed Babiker ibsuun isaanii gabaasameera.

Prezidaantin Ertiraa Isaayyaas Afeworqii, heeraa biyyatti isa bara 1997 bahee hojii irra oolchuu dhiisuudhaan biyyaatti olaantumaa seeraa malee bulchaa akka jiran kan ibsee gabbassin kun, mootummaa Ertiraa, walwaraansa waggoottan lammaf Kaaba Itiyoophiyaatti taasifamaa ture keessa harka galfachuudhaan sarbiinsaa mirga namoomaa raawwachuu isaa eere jira.

Dhimma sarbiinsa namoomaa Kaaba Itiyoophiyaa Irratti komishiniin addaa qaamnii dhaabbata mootumoota gamtoomanii hundeesse gabaasaa dhihesee waabeffachuudhaan kan ibsee gabaasiin Mohamed Bibiker kun, Looltoonni Ertiraa naannoo Tigraay keessatti dubartootaa ulfaa fi ijoolleewwan dabalatee maatiiwwan hedduu jireenyaa isaanii irraa buqisuu isaanii ibsee jira.

Gabaasiin walgahii dhaabataa mootummootaa gamtoomaanii irratti dhihaachuudhaaf qophaa’e kun qorannoo amma Ebila 24 bara 2023 ti taasifamee akka of keessaa qabu ibsaamuu isaa kan gabaasee AP.

ap/bd/dw