Dippilomaatiin Yunaayitid Isteetis Qondaalota Waraanaa Prezidaantii Niijer Fonqolchan Waliin Mari'atan 

  • VOA

FAAYILII - Minsteeraa dhimma alaa Yuunaayitid Isteetsti itti aantuu itti gaafatamtuu dhimma siyyaasaa, Viiktoriyaa Nulaand, Waashingitan, Diisii, Muddee 7, 2021.

Diplomaatiin olaantuun mootummaa Yunaayitid Istees Niijeriin daawaatanii qondaaltotaa waraanaa wareen aangoo mootummaa umnaan qabatanii wajjin maryachuu isaanii ibsanii jiru.

Minsteeraa dhimma alaa Yuunaayitid Isteetsti itti aantuu itti gaafatamtuu dhimma siyyaasaa kan ta’an Viiktoriyaa Nulaand , bulchiinsa loltootaa Niijer keessatti itti gaafatamaa dhimma itiisa biyyaa akka ta’an kan of himan Birgaadeer Jeeneraal Muusaa Salaa’u Baarmuu fi qondaaltota waraana biyyatti sadii wajjin haasa’uu isaanii ibsanii, mariin isaanii haalaa gariidhaan kan taasifamee ta’uu isaa fi garuu immo cimaa ta’uu isaa oduu gabaastotatti himanii jiru.

qoondaaltonni waraanaa biyyatti kaayyoo isaanii irratti cimoo ta’uu isaanii ibsanii prezidaanti biyyatti isaan aangoon irraa fudhatame Mohaamed Baazuum fi maatii isaan, akkasumas yeroo amma mootummaa loltoota kan hogganaa jiran Jeeneraal Abdurahaman Tichiiyanii wajjin wal arganii haasa’un akka hin eeyyamameneef dipilomatin kun ibsaniiru.

Viktooriyaa Nuulaand akka dabalanii himaniti, ministeerri dhimma alla Yunaayitid Isteets akka Niijeriin daawwatan gaafachuu isaanii kan ibsaniru. Antoonii Biliinkeen gama isaaniitiin, wixata kaleessaa Raadiyoo Firaans Internaashinaal wajjin haasaa taasisaniin haalii rakkinicha hiiku karaa diploomasitiin taasifamu filatamaa ta’uu isaa ibsaniiru.

Haaluma walqabateen, dubbii himaan ministira dhimma alaa Yunaayitid Isteets Maat Miileer Yunaayitid Isteets, gargaarsaa Niijerif taasisaa turtee Doolaara Miiliyoonii 100 yeroodhaaf dhaabuu ishee himanii, dhaabinsii gargaasichaa kan gargaarsa namoomaa ilaalatu akka hin taane ibsaniiru.

Karaa biraatiin, biyyoottan miseensotaa garee hawaasa diinagdee lixa Afrika ECOWAS kan ta’aniifi tarkaaniifii umnaan loltootaa aangoo qabatan buusuu irratti mormii qaban Maalii fi Burkina Faasoo jilaa mootummoota isaanii gara Niijeritti erguun isaa beekameera.

ECOWAS yoo loltoonii Niijer aangoo deebisanii Prezudaant Mohamad Baazuumiti hin kenine umna waraanaa fayyadamuu akka danda’u dhaadatee yeroo murtaa’es kaa’un isaa ni beekama. Hoggantoonni biyyoottan Lixa Afrikaa dhimmaa Niijer kan irratti maryachuudhaaf kamisa Iftaanii hagayya 10,2023 walarguudhaaf akka murteessan gabaasameera.

voa/bd/dw