Oromiyaa Keessattis Tahe Guutummaa Itiyoophiyaa Keessatti Mariin Nagaan Furmaata Fiduun Danda’amaa?  

Your browser doesn’t support HTML5

Waldaa Qorannoo Oromoo Kora qorannoo isaa marsaa 37ffaa Adooleessa 29 fi 30 bara 2023 gaggeesse irratti hayyoonni bakkoota garaa garaarraa dhufan barreeffamoota qorannoo haala nageenya Itiyoophiyaa fi Oromiyaa, akkasumas furmaata kan jedhan ilaachisuun dhiyyeessanii turan. Mitikkuu Fiqaaduu bakka korri waldichaa itti gaggeeffame Yuunivarsiitii Meeriilaanditti argamuun waraqaawwan dhiyyaatanirratti akkasumas haala nageenya Itiyoophiyaarratti hayyoota waraqaa qorannoo dhiheessan sadii dubbisnee jira.