Humni Waraanaa Prezidaantii Nijeer Taayitaa Irraa Fongolche Mootummaa Haaraa Hundeessuu Labse  

  • VOA

FAAYILII - Pirezidaantii Niijer, Boolaa Ahimed Tinubuu, walgahii 'ECOWAS', irratti hirmaatan, Naayijeeriyaa, Abujaa, Kamisa, Hagayya 10, 2023.

'ECOWAS' ennaa inni biyya hollaa Naayijeeriaa keessatti Gumii hatattamaaf wal ga’ee jirutti, hooggantoonni waraanaa Niijer mootummaa haaraa gad dhaabanii jiran.

Akka labsii televiziyoona mootummaa irratti dubbifameetti, mootummaan kun ministeerota 21 moggaaseera. Hoggantoonni fonqolcha mootummaa sadii hogganaa ministeera ittisaa, biyya keessaa fi ispoortii ta’uun moggaafamaniiru. Beeksisa kana keessatti karoorri dabalataa hin ibsamne.

Mootummaa haaraa hundeessuun kun hoggantoota naannichaaf tuffii dhiyeenya raawwatame yoo ta’u, hoogganni waraanaa Dilbata darbe Pirezidaantii aangoo irraa kaafaman Mohaammad Baazuumiin hojiitti deebisuuf guyyaa kaa’ame mormuu isaa hordofeeti.

Hooggantoonni ECOWAS rakkoo Niijeer keessaa mari’atanii karoora hojii irratti walii galuuf jecha kamisa har’aa magaalaa galma mootummaa Naayijeeriaa Abujaa seenanii jiru. Gamtaan naannichaa ECOWAS yoo barbaachise humna fayyadamuu dhaan dimokraasii Niijer keessatti deebisuu akka danda’u ibsee jira.

Hogganaan Niijer aangoo irraa kaafaman kun erga miseensonni waardiyyaa pirezidaantichaa Adoolessa 26 aangoo qabatanii booda mana jireenyaa isaaniitii akka hin baane uggurmanii jiru. Paartiin Baazuum Roobii kaleessaa akka jedhetti, isaanii fi maatiin isaanii nyaanni isaanii waan dhumeef torban tokkoof ibsaa fi bishaan malee jiraachaa jiru. Gorsaan tokko Associatied Presiif akka himetti, maatiin kun nyaachuuf ruuzii fi meeshaalee qaruuraa keessaa qofatu hafeef.

Roobii kaleessaa hogganaan finciltootaa duraanii fi namni siyaasaa Niijer Rhisaa Ag Bowulaa sochii mootummaa waraanaa torban lama dura aangoo qabate mormuu jalqaban. Kunis mallattoo jalqabaa diddaa qindaa’e kan bulchiinsa waraanaa biyya Afrikaa Dhihaa kana keessatti mul’atee dha.

Ibsa baasaniinis gareen isaanii gumiin diddaa Rippaablikii biyyattii Bazuumiin aangootti deebisuuf karoorsuu isaa ibsaniiru. Hanga roobii kaleessaatti hoogganni waraanaa sun jiddu seeniinsa dipilomaasummaa fudhatama dhabsiisee jira.