Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kaabaa aanaa Abbichuu fi Nya'aa magaalaa Mandiidaatti Hagayya 1 bara 2015tti haleellaa hidhattoonii Faannoo raawwataniin lubbuun namootaa darbuu jiraattonni fi qondaalonni mootummaa aanichaa Sagalee Ameerikaaf himaniiru.
Haaleellaan kun Wiixata ganama tilmaamaan sa'aatii afur irraa eegalee hidhattoota Faannoo naannoo Amaaraa magaalaa Dannabaa irraa dhufaniin raaw’atame jechuun ibsan, jiraattonni kun. Itti gaafatamaan Waajjira Koomiyunikeeshinii aanaa Abbichuu fi Nya'aa Obbo Abdataa Hayliiyyee haleellaan jedhame dhuguma raaw’atamuu mirkaneessanii, humnoonni sun amma akka achi hin jirree fi magaalattiin akka tasgabboofte ibsan.