Kamiseetti Namonni Dhibba Sadi’ii ol Tahan Murtii Seeraatii ala Waggoota Lamaa Oliif Hidhamanii Jiran, Jedhu Maatii fi Jiraattota Keessaa 

Your browser doesn’t support HTML5

Naannoo Amaaraa Godina Addaa Saba Oromoo magaalaa Kamiseetti namootni dhibba sadii fi soddomaa ol ta’an sababaa Waraana Bilisummaa Oromoo deeggartan jedhuun ganna lamaa oliif hidhaa jiraachuu himan. Ahmed Umer jiraataan Godina Addaa Saba Oromoo naannoo Amaaraa, obboloonni isaa lama lola Tigraay waliin gaggeeffamee booda qabamee hidhamee, manni murtii bilisaan akka bahe murtii kennus, poolisiin godinichaa ammaatti mana hidhaa kaa’ee akka jiru Sagalee Ameerikaatti himan.

Wallisaan Afaan Oromoo, Sa’aad Awwalis hidhamtoota waggoota lamaaf turan keessaa tokko tahuu, jiraataan ka biraan Sagalee Ameerikaatti himanii jiran. Dhimma kanarratti, angawoota mootummaa akkasumas Koomishinii Mirgoota Namoomaa Itiyoophiyaarraa deebii argachuuf yaaliin gidduu kana taasisne hin milkoofne.