Itiyoophiyaa keessatti dhukkuba irraa fayyuuf qoricha yokaan dawaa ogeessaan ajajame sirnaan fudhachuu irratti hanqinoonni tajaajiloota biraa akka mul’atuu fi kun hubannoo dhaba irraa tahuu dubbatu, ogeessonni fayyaa.
Qoricha ogeessaan hin ajajamne, hammaa ol fudhachuu, hammaa gadi xiqqeessanii fudhachuu, qoricha ol kaa’anii yeroo biraa fayyadamuu, qoricha yeroon darbe fayyadamuu, nama biraaf kennuu fi barmaatileen hawaasa keessatti mul’atan biroon akka dhukkubichi yeroo biraa itti deebi’uu taasisanii fi rakkoolee biroo hanga lubbuu namaa galaafatu geessisullee akka hordofsiisan dubbatu, ogeessonni.
Dhimma kana irratti Naako Malkaa Hospitaala Rifaraala Yunivarsiitii Ambootti Itti gaafatamaa Dhiyeessii Qorichaafi Meeshaalee Yaalaa Obbo Margaa Baay’isaa fi jiraattota debbisuun qophii qindeesse qaba.