Haleellaa Samii Irraan Naannoo Amaaraa Keessatti Raawwatame Jedhameen Namoonni 26 Du’uun Gabaasame

  • VOA

FAAYILII - Magaala guddoo naannoo Amaaraa, Baahir Daar, Sadaasa 06, 2020.

Walitti Bu’insa Humnota mootummaa fi humnoota Faannoo Naannoo Amaaraa gidduutti mudatee jiru hordofee, Godina Goojjam lixaa Magaalaa Finoote Selaamitti halleellaa raawwateen namoonni 26 du’uu jiraattoonni sagalee Ameeriikatti himan.

Naannoo Amaaraa Godina Goojjam Lixaa magaalaa Finootasalaamitti halleellaa qilleensarraan Mootummaarraa raattamuun shakkamuun dilbata kaleessaa ta’een yoo xiqqaate namoonni 26 du’uu jiraattoonnii fi kanneen maatii keessaa namni jalaa du’e sagalee Ameerikaatti himaniiru. Halleellaan kun kan raawwatame walitti bu’insa humnoota mootrummaa fi kanneen seeraan ala hidhatan Faannoo gidduutti ta’aa jiru hordofeeti. Hojii gaggeessaan Hospitaala Finooteselaam Maannaayee Xeenaawu Sagalee Ameeriikaatti akka himanitti namoonni halleellaa kanaan miidhaman 40 hospitaala isaanii himanii lakkoofsi kun dabaluu malas jedhaniiru.

Namoonni Ijsaan argine jedhan akka dubbatanitti halleellaan kun kan raawwatame Konkolaataa Ayiisuuzuu FSR irratti dargaggoonni fe’amanii jiran irratti kan qiyyaafate jedhan. Yeroo taateen kun raawwatame bakkichatti kan aragamanii fi ka’een yommuun naanna’ee ilaalu reeffi namoota baay’eetu ture jechuun sagalee Ameerikaatti himaniiru.

Namoonni bakkicha jirra jedhan akka himanitti halleellaan kun kan humna qilleensaarra dirooniin mootummaan fudhatedha jedhu.

Komishiiniin Mirga namoomaa Itiyoophiyaa ibsa har’a baaseen halleellaawwan qilleensarraa fudhatamuu isaanii maddeen amanamoorraa qulqulleeffachuu eeree, haleellaawwan kunis magaalota kanneen akka Dabirebirhaan, Finooteselaam fi Buree keessatti ta’uus ibsa isaa keessatti eereera jedha gabaasni Asteer Misgaanaaw Bahaardaar irraa ergite.

Humnoota Mootummaa fi Garee Faannoo Gidduutti Walitti Bu’iinsi Uumame mariin Akka Furamu Komiishinni Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Gaafate

Wal dhabdeen Mootummaa fi humnoota Faannoo gidduutti Naannoo Amaaraa keessatti Uumaamee jiru karaa nagaa fi mariin akka hiikamuuf Komishiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa waamicha dhiyyeesse.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Ibsa baaseen wal dhabdeen humnoota Faannoo Naannoo Amhaaraa fi Mootummaa Gidduu jiru haal duree tokko malee karaa mariin akka hiikamu gaafate. Qaama ibsa komishinii mirga namoomaa Itiyoophiyaa kan ta’e inni biraan Mootummaan hidhaa namoota baay’eerratti taasisaa jiru akka dhaabuu fi warroota to’annaa mootummaa jala galanii jiranis gara manneen hidhaa seeraan beekamaniitti akka dabarsus gaafateera. Magaalaa Finfinnee keessatti hidhaan namoota nagaa sabaan Amaara ta’aniirratti bal’inaan gaggeeffamaa jiras jedheera Ibsichi.

Haala amma Itiyoophiyaa keessatti deemaa jiru karaa marii fi nagaan furmaata akka argatuuf Igaad, Gamtaan Afiirikaa , Dhaanni Mootummoota gamtoomanii fi hawaasni idila addunyaa haala mijeessuu qabu jechuunis komishiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa gaafateera jechuun Finfinneerraa Mallaskaacheew Ammahaatu gaabse.