Hoogganaan Waraana  Giinii Jila Niger Konaakirii Keessatti Simatanii Jiran

  • VOA

Lammiiwan Nijeer Faransaay mormuuf hiriira bahan, Niyamey, Nijeer, Hagayya 11, 2023.

Hoogganaan fonqolcha mootummaa Niijeer Abdurhamaan Tiyaanii jila tokko kan hoggaanaa humna waraanaa Jeneraal Muusaa saloo Barmoo’n hoogganamu gara biyya Giiniitti ergan. Jilli kun Sanbata xiqqaa darbe gara Giiniitti kan ergaman yommuu ta’u kaayyoon isaas deeggarsa Giiniin garee kanaaf taasifte galateeffachuufis jedhameera.

Daawwannaan jilli kun taasise yeroo gareen diinagdee bviyyoota Afiriikaa Lixaa ECOWAS , bulchiinsa Siivilii Niijeer keessatti deebisuuf akkasumas pireziidaantii Niijeer kan fonqolchaan aangoorraa kaafaman gara aangootti deebisuuf hanga waraanaan gidduu seenuu jedhu filannoo dhiyyeessaa jiruttidha.

Ji’a Fulbaanaa keessa bara 2021 tti Giiniitti fonqolcha mootummaa gaggeessuun kan aangoo qabataniiran Mammaadii Domboyaa isa gareen diinagdee biyyoota Afiriikaa lixaa Niijeer ilaachisuun murtee dabarsaa jirurratti yaadni isaan kennan hin turre. Maalii fi Burkinafaasoon gamanumaan Niijeer deegaruun gidduu seentummaa waraanaa kamiyyuu irraa ittisuuf cinaa akka dhaabbatan ifoomsaniiru.

Fonqolcha mootummaa Niijeeritti gaafa Adoolessa 26 raawwate dabatee waggoota Sadii keessatti biyyoota Lixa Afiriikaa keessatti fonqolchoonni mootummaa Torba raawatamaniiru.