Balaa Ibiddaa Hamaan Hawaayii Keessatti Mudate Lubbuu Galaafatee Qabeenyaa Mancaase

  • VOA

Balaa abiddaa Hawaayiitti ka'e, Yunaaytid Iateets, Hagayya 8, 2023.

Hawaayiitti balaa Ibiddaa uumaameen lubbuu namoota darbeef jiraattoonni gaddarra jiru. Hooggantoonni garuu ammayyuu haalli qilleensa naannoo hin beekamu jechuun akeekkachiisaa jiru. Magaalaa gubattee daaraa taatee keessaa namoonni kurnootaan lakkaa’amanii fi saroonni digdama konkolaattoota gubataan akkasumas daaraa keessaa barbaadaa jiru. Balaa Abiddaa kanaan hanga amaatti namoonni 96 du’uun isaanii ifoomeera. Kunis seenaa Yuunaayitid Isteetsi keessatti balaa Ibidda bosonaan jaarraa tokkoo oliif lakkoofsa namoota du’anii isa guddaadha jedhameera. Kaawuuntiin Maawwii Dilbata kaleessaa ibsa kenneen balaa Ibiddaa kanaan magaalaan seenaan qabeettii Lahayinaa guutummaa guutuutti diigamteetti Ibiddi bosonaa kun ammayyuu bakkoota lamatti hin to’atamnes jedheera.

Ibiddichi araa baatee deemuun Oomishaalee summa’ee waan guguubeeruuf bishaan dhugaatii dabalatee of eggannoon taasifamuu qaba jechuun angawoonni akeekkachiisaniiru. Balaan Ibidda bosonaa Magaalaa Lahaina kan jiraattoota 13,000 qaqbdu guutummaan barbadeesse yeroo ammaa dhibbeentaa 85 to’amuu akka danda’eeru anga’oonni ibsaa jiru. Kutaa bulchiinsa Hawwaayii keessaa inni bakka biraa Appikaawuntirii keessaammoo dhibbeentaa 60 to’amuu isaas eeraniiru.