Mormii Godina Jimmaa Aanaa Saxxammatti Mudateen Lubbuun Nama Tokkoo Darbe

Your browser doesn’t support HTML5

Mormii lafa dheedicha baadiyyaa aanaa Saxxammaa kan misoomaaf kennamuuf tureen wal qabatee ka’een lubbuun nama tokko darbuu fi namoonni jaha ammoo miidhaan irra dhaqqabuu jiraattonni dubbatanii jiran. Mormii wixata, Godina Jimmaa Aanaa Saxxammaa, ganda Kimmisoo jedhamutti mudateen jiraataan gandichaa Abdulwahaad Sharafuu jedhamu rasaasaan rukutamee ajjeefamuu jiraattonni akkasumas Koomishiniin mirgoota namoomaa Itiyoophiyaa mirkaneessanii jiran.

Jiraattonni rasaasa dhukaye Kanaan nami dabalataa tokko rukutamuu himanii, ajjeechaa kanaaf bulchaa aanichaa himataniiru. Koomishiniin mirgoota namooma Itiyoophiyaa dhimmicha angawoota godinaa waliin ta’ee qorataa akka jiru ibsee jira. Galmoo Daawit dabalata qaba.