Magaalaaleen Naannoo Amaaraa Ijoon Tasgabbaa’anii Hojii Idilee Jalqaban, Jedhu Jiraattonni 

  • VOA

FAAYILII - Magaala Gondar, naannoo Amaaaraa

Magaalaalee Amaaraa ijoo ta’an keessaa tajaajilli geejjibaa eegalee gabaanis itti fufee jireenya idileetti deebi’uu isaanii jiraattonni magaalaalee kanaa dubbatanii jiran. Walitti bu’iinsa hanga tokko kan torbanneeniif ture kan namoonni nagaan itti ajjeefaman, dhiibbaa dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa dhaqqabetti aansuu dhaan magaalaaleen kun qalbii dhaan haala isaanii duraaniitti deebi’aa jiraachuu illee ibsaniiru.

Magaalaalee Baahir daar, Gonder, Debire Birhaan, Debire Maarqoos, Shawaa Roobiitii fi Laallibalaa kanneen fakkaatan keessa kanneen jiran waaltaaleen tajaajila uummataa Kamisa jalqabee qabee hojii isaanii akka itti fufan mootummaan beeksisee jira.

Komiishiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa Sambata darbe ibsa baaseen hookkara guyyootaaf geggeeffameen booda kan mootummaan magaalaalee ijoo ta’an keessatti tasgabbiin bu’e jedhe tuquu dhaan labsiin yeroo muddamaa baatilee ja’aaf tolfame, dafee akka dhumatu gaafatee jira jechuun Aster Misgaanaaw gabaasteetti.