Hiriirri Godinaan Haaraan Akka Gurmeessamuuf Gaafatu Magaalaa Hawaasaatti Deemsisame  

  • VOA

FAAYILII - Marfata Summudaa, Hawaasaa, Sadaasa 19, 2019

Bakka butoonni Uummataa aanaalee Meskaan, Baha Meskaan, Sooddoo fi Buyii akkasumas Buttaajiraa fi maagaalaa Inseenoo magaalaa Hawwaasaatti hiriira ba’uun Godina Guraageerraa addaan baanee Godina Guraagee Bahaa jedhamnee nuuf haa hundaa’u jechuun gaafatan.

Naannoon Saboota , sab-lammootaa fi Uummattoota Kibbaa immoo naannichi amma hojii dhaabee waan jiruuf gaaffiin isaanii naannoo haaraa gidduu galeessa kibbaa Itiyoophiyaaf dhiyyeeffachuu qabu jedhu angawoonni gama isaaniin.

Akka caaseffama naannoo haaraa amma hundaa’aa jiruutti Godinaaleen Guraagee, Hadiyyaa, Halaabaa, Kambaataa xambaarroo fi Silxee akkasumas aanaan addaa Yeem bakka tokkotti naannoo haaraa gidduu galeessa kibba Itiyoophiyaa jedhuun warra hundaa’aa jiranidha.

yz/mn/dw