Yeroo Filannoon Zimbaabwee Dhihaataa Jiru Kanatti Paartin Biyyattii Taayitaa Mootummaa Harkaa Qabu Akka Hookkarri Hin Uumamne Dhaadate

  • VOA

Postariiwwan kaadhimamtoota filannoo, Haraaree, Zimbaabwee, Hagayya 5, 2023.

Zimbaabuwweetti Filannoo biyyaaleessaa taasisuuf yeroo guyyootaan lakka’amu kan hafeefitti Kamisa har’aa Paartiin biyya bulchu “ZANU PF” Filannoo kana sababeeffachuun hiriira kan ba’an jiraannaan humnoota waraanaa akka bobbasuu danda’u beeksiise. Biyyattii keessatti deemsi akkasii Filannoo kanaan duraa irrattis lubbuu namootaa baay’ee darbuuf sababa ture.

Wal falmii paartilee Filannoon duraa Afiriikaa Kibbaa Joohaanisbargitti taasifame irratti dubbi himaan paartii biyya bulchaa jiruu Kiristoofeer Mutsvangawaa haalli bara 2018 deebi’ee kan uumamu yoo ta’e hatattamaan gara waraanaatti deebi’uu akka hin oolle isinii mirkaneessuun barbaada jedhan. Itti dabaluunis bara 2018 humni waraanaa akka seenu kan taasifame humni poolisii sirnaan leenji’e waan turreefis jedhan. Amma garuu humni Poolisii sirnaan leenji’e jira. Kanas dogoggora keenya eroo darberraa baranneerrsa jedhan.

Zimbaabuwweetti gaafa Hagayya 23, fuula dura kana jiruu qaamoolee seera tumtuu fi Pireezidaantii biyyattii ni filatu jedhamee eegama.

Filannoo Pireezidaantummaa isa bara kanaanis akkuma isa kan bara 2018 pireezidaantii amma biyyattii bulchaa jiran Emmersan Manangaagwaa Paartii Zaanuu PF irraa fi ga’eessa ganna 45 fi ogeessa seeraa kan ta’e Neelsan Chaammisaa paartii Jijjiirama hawwaasaaf irraa gidduutti dorgommii cimaatu taasifama jedhamee eegama.

afp/mn/dw