Ogeeyyiin Saayinsii Baakteriyaa Faca’ina Dhibee Busaa Hanqisuu Mala Jedhan Qorachuutti Jiran

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Akka gabaasaan jaarmayaa mootummoota gamtoomanii jedhutti bara 2021 keessa qofa adduunyaa irratti namoota miiliyoonii 247 dhukuba busaatiin qabame. Kanneen keesaa walakkaadhaa ol Afrikaatti argamu. Dhibeen Busaa ammallee rakkina dhala namaa keessumaa lammilee Afrikaatti rakkoo guddaa akka ta’eetti jira.

Dhukuba kana too’achuudhaaf hayyuuwwan Saayinsii qorannoo cimaatti jiran, baakteriyaa haarawa argatan tokko akkaataa itti ittisa faca’ina dhibee Busaaf fayyadu qorataa jiran. Qorannoon isaanii bu’aa agarsiisaa waan jiru fakkaata.