Tigraay Manneen Maree Federaalaa Lamaan Keessatti Dantaa fi  Migoonni Bakka-bu’ummaa Akka Eegamaniif Gaafatame 

  • VOA

FAAYILII - Gamoo Paarilaamaa Itoophiyaa, Finfinnee

Wal waraansa Kaaba Itiyoophiyaan wal qabatee, Tigraay mana maree bakka bu’oota uummataa fi mana maree Federeeshinii keessaa bakka bu’umisi isheen qabdu hanga bakkatti deebi’utti, labsiiwwan manneen maree kanaan ba’uu fi murtiiwwan darban, mirga ishee siyaasaa fi dantaan ishee akka eegamuuf bulchiinsi yeroo kan naannichaa mootummoota Federaalaa fi naannoo waliin akka hojjetu ogeessonni gaafatanii jiru.

Wal waraansi Kaaba Itiyoophiyaa jalqabamuu isaa baatilee sadii dura, mootummaan naannoo Tigraay, bakka bu’oota isaa kan mana maree bakka bu’ootaa fi federeeshinii kanneen turan, yeroo bakka bu’umsa isaanii xumuraniiru jechuu dhaan ofitti waame. Ergasii qabee naannoon Tigraay manneen marii kana keessaa bakka bu’umsa akka hin qabaatiin beekamaa dha.

Dhimma kana irratti yaada kan kennan ogeessonni seeraa, manneen maree kana keessa bakka bu’umsi Tigraay dhabamuun dhiibbaa inni geessisu ibsaniiru. Waggoottan sadan darban keessa hirmaannaa Tigraay kan hin qabaanne labsiiwwan adda addaa fi seerawwan ba’uu isaanii kan tuqan ogeessonni kun, naannoo Tigraay irratti raawwatiinsa akkamii qabaachuu akka danda’an ibsanii jiran. Kun ta’uu isaa bara 2013 akkka lakkoobsa Itiyoophiyaa qabee naannoon Tigraay waggoota sadiif manneen maree kana keessaa bakka bu’umsa hin qabdu.

Paartii Saalsaay Weyyaaneetti itti gaafatamaa kutaa seeraa fi naamusa mootummaa kan ta’an obbo Tesfaalem Berihee akka caasaa federaalaa Itiyoophiyaatti naannoleen mana maree bakka bu’oota uummataa, mana maree Federeeshinii fi qaamolee hoji raawwachiiftuu mootummaa federaalaa keessatti bakka bu’ummaan kan argaman yoo ta’u, bakka bu’ummaan kun faayidaa inni qabu ibsanii jiran jechuun Gebremikaa’el G/Medin gabaaseera.