Qormaata biyyaalessaa Kutaa 12ffaa bara kanaa qoruuf barsiisonni Yuunivarsiitii garaa garaarraa gara Yuunivarsiitiiwwan naannoo Amaaraa keessatti argamanitti ramadamanii turan hundi gara bakkoota irraa dhufaniitti deebifamuu isaanii Ministirri barnootaa Itiyoophiyaa ifoomse.
Dhimmicharratti Sagalee Ameerikaaf yaada kan kennan Ministira Barnootaa Itiyoophiyaatti Daayireektarri dhimma qormaataa fi madallii Doktor Isheetuu Kabbadee barsiisoonni Yuunivarsiitiiwwan naannoo Amaaraa keessatti aragamanitti ramadanis ta’e kanneen naannoo Amaaraarraa Yuniivarsiitiiwwan biroo keessatti qormaata qoraa turan sababaa rakkoo nageenyaa naannicha keessatti uumamee tureen gara maatii isaaniitti fi lafa hojii isaaniitti hin deebi’iin turan hunduu deebifamuu isaanii mirkaneessaniiru.
Barsiisoonni kunneen xiyyaarota Chaartarii fi konkolaattotaan bakkeewwan rakkoon nageenyaa uumamee ture keessaas baafamaniiru jedhaniiru Doktor Isheetuun.