Naannoo Oromiyaa, Shawaa Kaabaa Keessatti Hidhattoonni Faannoo  Namoota 8 Ukkaamsanii Fudhatan  

Your browser doesn’t support HTML5

Naannoo Oromiyaa godina Shawaa kaabaa aanaa Abbichuu fi Nya'aa keessatti hidhattoonni faannoo namoota nagaa imala irra turan konkolaachisaa dabalatee namoota 8 daandii irratti ukkaamsanii fudhataniiru jechuun bulchiinsi aanichaa ibseera.

Hagayya 11 bara 2015tti guyyaa kaleessaa toora sa'aatii 10tti imaltoota gabaa Jimaataatii gara magaalaa Mandiidaatti deemaa turan fageenya km 4 irratti ukkaamsuun hidhattootni Faannoo gara magaalaa naannoo Amaaraa aanaa Siyaadabriinaa fi Waayyuu, kan Niwaar jedhamtuu geessanii mana hidhaatti hidhanii jiru, jechuun maatiin namoota ugguramanii Sagalee Ameerikaaf himaniiru.

Kanneen Jiraattonni fi bulchiinsi aanichaa himatan hidhattoota faannoo Shawaa kaabaa keessaa tokko tahuu isaanii ka dubbatan namni tokko Konkolaachisaa dabalatee namoota 8 ugguruu isaanii Sagalee Ameerikaaf himaniiru.