Gulaallii Jalqabaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Irratti Eenyutu Milkaahe?

Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 19ffaa, Budaappest, Hangaaryii, Hagayya 19, 2023.

Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 19ffaa Budaappest doorgoomilee guyyaa jalqabaa doorgomaman keessaa dorgommii gulaalli meetira 3000 guffachisaa kan dhiirotaa tokko ture.

Haala kanaanis gulaalii jalqabaattin Geetnat Waalee daqiiqaa 8:19.99 galmeesisuun injjiffateera. Dorgoommi lammaffa irratti immoo Lammeechaa Girmaa sa’aatii foyya’aa gulaalichaa daqiiqaa 8:15.89 fiduun injjifate.

SEE ALSO: Gargaartuun Komishinarii Daraartuu Tuluu gumaacha olaanaa atileetiksii addunyaa irratti taasisteef beekamtii arggate.

Atileetonni lamaan doorgomii xumuraa Kibxata dhufuu irratti kalattin ni hirmaatuu. Haata’uu malee garee lamaffaa irratti kan doorgome Abrahaam Simee balaa utaalcha gufuu isa dhumaa irratti muddateen qabxii barbaaddamu otto hin argatiin hafuu danda’eeraa.

Bakka kuffee ka’ee carraaqqii guddaa kan godhe yoo ta'u sadarkaa 8ffaa bahuun xumuruu danda'eera.

Fiigicha Gulaalii Meetira 1500 Dubartootaa

Atileet Daribee Waltajjii, Budaapesti, Hagayya 19, 2023.

Fiigicha gulaalii meetira 1500 dubbartoota gageeffameen Dhalattuun Itoophiyaa fi lammiin Neezerland Siifan Hasan Rammadii 1ffaa jalatti 1ffaa bahuun Injjifateetti. Darribee Waltajjii Rammaddi 2ffaa irraa daqiiiqaa 4:02:72 2ffaa baateetti. Rammaddi 4ffaa irratti kan doorgoomte Hiruut Mashashaa daqiiqaa 4:03:47 1ffaa bahuun yagguu injjiffatu, Atileet Birqee Haayyalom Rammaddi 3ffaa jalltti dorgomuun 3ffaa baateetti.

Haala kanaanis dargoomtooni 1ffaa hang 6ffaa bahan kalattin gara marsaa walakkaatti darbaniruu.

en/tg