Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kaabaa aanaa Abbichuu fi Nya'aa ganda Dirmaa fi Amantee gooroo keessatti hidhattoonni faannoo daangaa Oromiyaa seenuun qonnaan bulaa tokko ijoollee isaa lama waliin ukkaamsanii fudhatan jechuun waajjirri Komiyunikeeshinii aanichaa ibseera.Guyyaa kaleessaa tilmaamaan toora sa'aatii 9 fudhatamuu isaanii waajirri isaanii odeeffannoo akka qabu kan dubbatan itti gaafatamaan waajjiricha obbo Abdataa Hayiliyyee hanga ammaatti eessa akka jiran hin beekkamu jedhan.
Garee hidhattoota faannoo Shawaa kaabaa keessa socho'an keessaa tokkoo ta'uusaa kan ibsan namni tokko, “namni nagaan ukkaamfame hin jiru” jechuun Sagalee Ameerikaatti dubbatan.