Bulchiisi Walqaayitii Fi Naannoo Sanatti Diriirfame Akka Diigamuuf Jiru Ministerri Itisaa Itiyoophiyaa Dubbatan 

  • VOA

Kaabaa Itiyoophiyaatti bakkaawaan Naannoo Amaaraa fi Naannoo Tigraayiin walfalmisiisaa jiran keessatii bulchiinsii hundeeffamee akka diigamuuf jiru ministeerri ittisaa mootummaa Itiyoopiyaa dokteer Abrahaa Balaay himanii jiru.

Erga walwaaraansii Kaaba Itiyoophiyaa waligalteedhaan xumuramee booda bulchiinsii godinaawwan Walqaayit Xagadee fi Seetiiti Humaraa keessatti mootummaa naanoo Amaaraatiin hundeeffame seeraan ala kan jedhan ministeerichii, dhimiichi yoo fedhii ummatta ta’ee fula duratti adeemsaa heree ofii ofiin murteessuu ykn referendamii naanoo Amaaraa fi naannoo Tigraayi gidduutti tasifamuun kan murtaa’u akka ta’e himaniiru. Dokteer Abrahaa Balaay dhimma kana kan dubbatan sernaa kabajii ayyaana Ashandaa ilaalchisee ergaa dabarsan keessatti akka ta’e beekameera.

Dhimmaa kana ilaalichisee ji’oottan 10 dura mana maree bakka bu’otaa irratti kan dubbatan muummichii ministeeraa Abiy Ahimad jiraattonni naannoo walqaayit Amaariffaa fi Tigriffa caccabaa kan dubbataniidha jedhanii, dhimmichii referendemiidhaan akka fala argachuu qabu dubbatanii akka turan gabaasa kan keessatti ibsameera. Dhimaa kana ilaalchisee dhaabbannii siyaasaa Sochii Biyyaleessaa Amaaraa mootummaan feederaalaa iftoomina hiqabuu jechuudhaan komachaa turuu isaa kan ibsee gabaasinii Gebremikaa’el Gebremedihiin dhimicha irratti ministeera ittisaa irra ibsa ballaa argachuudhaaf yaaliin taasifamaa akka jiru beeksiseera.

gg/bd/dw