Pireziidaantiin Chaayinaa fi Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Afiriikaa Kibbaatti Dhimmoota Waloo Biyyoota Lamaanii Irratti Mari’atan

  • VOA

Ministira Muummee Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimaad fi Pireeziidaantii Chaayinaa Shii Jiinpiing, Beejingi, Fulbaana 2, 2018.

Pireeziidaantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing Biyyi isaanii Chaayinaan hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabdu jabeessuu fi tumsa gama hundaan babal’isuuf fedhii qabdi jedhan .

Roobii Darbe kana Afiriikaa Kibbaa Johaanisbargitti yaa’ii miseensota garee biyyoota “BRICS” irratti kan argaman Pirezidaantiin Chaayinaa fi Ministirri Muummee Itiyoophiyaa dhimmoota waloo biyyoota lamaanii irratti addatti marii’achuu isaanii ifoomsaniiru.

Chaayinaan yeroo hundaa hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabdu ilaalchaa fi tarsiimoo yeroo dheeraa kan qabdu, walitti dhufeenya biyyoota lamaanii cimsuu , tumsa gama hundaan taasifnu babal’isuu, michummaan biyyoota lamaanii onnee uummata biyyoota lamaanii keessatti hidda gadi akka fageeffatu gochuudhaaf fedhii qabna jedhaniiru Pireezidaantiin Chaayinaa.

Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimaad gama isaaniin hariiroon fi michummaan biyyoota lamaanii gidduu jiru haala guddina gaariirra jira jedhanii Chaayinaan waggoota darban keessatti Itiyoophiyaaf deeggarsa guddaa fi gatii qabeessa taasifteef galateeffataniiru.

Itiyoophiyaan Baayi’na Uummataan, Seenaa qonnaa fi biyya qaroomina waggoota 3000 qabdu Chaayinaa waliin wal fakkeenya hedduu qabaachuu kan Ibsan Abiyyi Ahimad seenaa wal fakkaataa qabnu kana dhugumaan akka waliif qoodnu barbaadna. Hariiroo fi wal amantaa gidduu keenya turee fi jiruufis dinqisifaannaa guddaan qaba jedhanii , hariiroo kana jabeessinun abdadha kunis egree keenyaaf murteessaadha jedhaniiru Abiyyi Ahimad.