Gurmuun Paartiilee Mormitootaa Itiyoophiyaa Labsii Yeroo Hatattamaa Biyyattii Keessatti Labsamuun Nageenya Hin Buusu, Jedha 

Your browser doesn’t support HTML5

Kokasiin Tokkummaa Paartilee Siyaasaa Mormitootaa 11 labsii yeroo hatattamaa yeroo ammaa Itoophiyaa keessa jirtu mormuun ibsa kennee jira. Miseensa kokasii kanaa ka tahe paartii Kongirasii Federaalistii Oromoo KFOf dura-Taa'aa ka tahan Piroofesar Mararaa Guddinaa, "Seenaa Itoophiyaa keessatti labsiin yeroo ariifachiisaa gaaffii uummataa deebisee hin beeku," jedhan.Dura-Taa'aan paartii ‘Hibir Itoophiyaa’ jedhamuu Obbo Girmaa Baqqalaas labsiin yeroo ariifachiisaa fi tarkaanfiin humnaa, furmaata fiduurra daranuu rakkoo hammeessa, jedhan.

Rakkoon Itoophiyaa yeroo ammaa hammaataa dhufe kun kan furamuu danda’u marii siyaasaatiin qofa akka t