Komiishiniin Marii Biyyoolessaa Itiyoophiyaa Marii Geggeessuuf Qophii Xumuraarra Jiraachuu Beeksisan  

  • VOA

FAAYIILIi - Magaala Finfinnee, halaalaa

Komiishiniin Marii Biyyoolessa Itiyoophiyaa Konfiraansii Marichaa Eegaluuf Qophii Irra Jiraachuu Beeksise. Adeemsa garee qindeessitoota Marii biyyoolessaa filachuu illee jalqabuu isaa ibsee jira.

Komishinichi hirmaattoota konfiraansii marii biyyoolessaa adda baasuu eegaluu ibseera. Komishinara komishinichaa kan ta’an Dr Yonas Adayee VOAf akka himanitti, komishinichi guyyaa kaleessaa Finfinnee keessatti miseensota garee qindeessitootaa filachuu eegale.

Qindeessitootni kun hirmaattoota marii kutaalee hawaasaa magaalattii adda addaa irraa adda baasuuf gargaaru. Akka komishinarichi jedhanitti, adeemsi hirmaattota marii adda baasuu torban/ji’oota darban keessa naannolee biyyattii ja’a keessatti raawwatamee jira.

Dr.Yonaas adeemsi kun naannolee biroo keessattis kan itti fufu ta’uu ibsaniiru. Haa ta'u malee adeemsa kana keessatti naannicha hammachisuu dhaaf angawoota naannoo Tigraay waliin mariin gaggeeffamaa akka jiru komishinarichi ibsaniiru. Dr.Yonaas walitti bu’iinsi naannoo Amaaraa keessatti uumame adeemsa kana irratti dhiibbaa hamaa geessisaa akka jirus hubachiisaniiru.

Komishinichi baatii Amajjii bara 2024tti konfiraansii marii biyyoolessaa qopheessuuf karoorfateera.