Lammiiwwan Zimbaabwee Ba’iin Filannoo Prezidaantummaa labsamuu eegaa jiran. Filannoo sanaaf sagalee kennuun waan boodatti harkifateef angawoonnis sagaleen akka kennamuuf guyyaa itti dabalaa tokko kennanii jiran. Lammiileen Zimbaabuwee ennaa humnoonni nageenyaa daandii gara wiirtuu filannoo biyyaalessaa, bakka bara 2018 mormii fi jeequmsi lubbuu namaa galaafate itti raawwatameetti geessu cufanii jiranitti Jimaata har’aa ba’ii filannoo yaaddoo guddaan eegaa turan,.
Komishiniin filannoo Zimbaabuwee paartiin biyya bulchaa jiru Zanu-PF teessoo paarlaamaa 38 kan injifate yoo ta’u, paartiin mormituu guddaan “Citizens Coalition for Change” immoo 32 moo’achuu isaa beeksise jechuun Rooyitars gabaaseera.
Komishinichi hanga ammaatti ba’ii filannoo pirezidaantummaa gaggeeffame hin baafne. Filannoon sun kamisa kaleessaa kan xumurame, sagalee kennuu magaalaalee keessaa turee waan jalqabameef angawoonni filannoon sun guyyaa tokko dabalataan akka dheeratu taasisaniiru.
Yunaayitid Isteetis Zimbaabween ta’e jettee filannoo prezidaantummaa kan seera tumtootaa fi bulchiinsa magaalaa danqiti jechuun himatte.
Poolisiin Roobii darbe duula geggeesseen to’attoota filannoo 41 hidhuu isaa fi meeshaalee filannoos to’annaa jala oolchuu isaa beeksisee jira. To’attooni kunis komputerootaa fi mobaayilii harka isaanii kara seeraan ala ta’een Istaatstiksii fi ba’ii filannoo qindeessuuf itti gargaaramaa turan jedhe.
Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Maatiyuu Miilar waltajjii duraan Tiwiitara jedhamuun beekamu irratti barreessuu dhaan filannoo ofii isaanii amantaa akka hin qabaanne fageenya isaan adeeman-tti gaddanii jiran.