Gooroo Doolaa, Magaalaa Harqalloo Keessatti Hiriira Mormii Jiraattonni Bahan Irratti Humnoonni Mootummaa Tarkaanfii Fudhatan, Jedhame  

Your browser doesn’t support HTML5

Kamisa kaleesaa jechuun Hagayya 18 bara 2015 jiraattoonni aanaa Gooroo Doolaa magaalaa Hara Qal'oo keessattii jiraattoota sagalee isaanii dhageessisuuf hiriira mormii bahan irratti humnoonni nageenya mootummaa tarkaanfii fudhatan, jechuun – jiraattonni aanichaa Sagalee Ameerikaatti himanii jiran.

Kanaan wal-qabatee namoonni hiriira irratti hirmaatan 200 ol hidhamuu fi namoonni madaa'anii buufata fayyaa aanaa Gooroo Dolaatti geeffamuu dubbatan, jiraattonni kun. Bulchaan aanaa Gooroo Doolaa obbo Geetuu Culluqqee immoo hiriirri mormii jiraattootaan kaleesa yaalamee ture, humnoota nageenya mootummaatin bittinnaa'era, jedhan.