Masrii, Itiyoophiyaa fi Sudaan hidha guddicha falmisiisaa ta’e kana Itiyoophiyaan laga Abbayyaa irratti ijaaraa jirtu iilaalchisee, waggoota dheeraaf marii gaggeeffamaa ture, Dilbata kaleessaa deebi’anii eegaluu isaanii angawoonni himanii jiru.
Mariin kun deebi’ee eegalamuun kun, erga Pireezidaantiin Masrii Abdel Fattah El-Sissi fi Muummeen Ministeera Itiyoophiyaa Abiy Ahmad ji’a darbe hojii ijaarsa hidha kanaa kan Doolaara biiliyoona 4.6 n baasisuu irratti walii galtee irra ga’uuf kaayyeffacuu isaanii ji’a darbe dubbatanii booda.
Lagni Abbayyaa, osoo gara Masrii kaabaatti keessa darbee gara Galaana Meditiraaniyaaniitti hin marfamin dura, magaalaa galama mootummaa Sudaan Kaartuum keessatti Abbayya isa Adii waliin walitti dabalama.
Masriin hidhichi fedhii ishee tilmaama keessa osoo hin galchin yoo hojjetame dhiibbaa hamaa akka geessisu sodaa qabdi. Kun Balaa dhaabbataa ta’e ittiin jetti.
Biyyi addunyaa irra jiran kanneen kan Arabaa ta’an keessaa, baay’ina lakkoobsa ummataa guddaa qabdu Masriin, qonnaa fi namoota ishee miliyoona 100 ol ta’aniif bishaan dhiyeessuuf guutummaatti jechuun haala danda’amuun laga Abbayyaa irratti hirkattee jirti. Lagnii Abbayyaa kan harka 85 ta’u kan maddu Itoophiyaa irraati.
Ministeerri hojii Jallisii kan Masrii akka ibsaniitti, marii marsaa haaraa kun, Kaayiroo keessatti gaggeeffamu ibsan. Ministirri Jallisii Hani Sewilam akka jedhanitti Masriin akkaataa hidhi guddaan kun itti hojjatuu fi guutamu irratti waliigaltee deggersa seeraa qabu barbaaddi.
Sewilam falmii kanaaf “furmaatni gama teeknikaa fi seeraa” hedduun akka jiru, himanii, garu bal’inaan hin ibsine jedhan.
Mootummaan Itiyoophiyaa osoo waliigalteerra hin ga’iin kuufama bishaan hidhichaa guutuu erga jalqabee booda Kaayiroo fi Finfinnee gidduutti waldhabdeen cimaan uumamee.