Yakka-ilaalchi Prezidaantii Duraanii Doonald Traamp Bitootessa Dhufutti Beellamame  

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Abbaan-murtii federaalaa Yunaayitid Isteetis, yakka-ilaalcha prezidaantii biyyattii duraanii, kan Doonaald Traamp Bitootessa, 2024 ka fuul-dura keenyaatti beellamee jira. Traamp, yeroo taayitaa irra turanitti filannoo bara 2020 geggeessame gargalchuuf shiran, jechuun himannaa irratti dhihaate tu ilaalama, guyyaa beellamaa kanatti. Yeroon kun immoo, yeroo isaan filannoo prezidaantummaa bara dhufuuf, duula na filadhaa geggeessan wajjiin wal irra bu’uuf deema.