Walitti Bu’iinsi Naannoo Amaaraa Hojii Qonnaa Gufachiisuu Qonnaan Bultoonni Dubbatan 

  • VOA

Bulchaa naannoo Amaaraa (suuraa faayilii)

Naannoo Amaaraa bakka waitti bu’iinsi keessatti uumame keessatti hojiin qonnaa akkaan danqamuu isaa qonnaan bultoonni VOAtti himanii jiran. Walitti bu’iinsi sun dhiyeessii kanneen akka akka xaa’oo ittisaa jira jedhan. Qonnaan bultoonni kun sabatiinsi dhabamuun itti fufee jiru qonnaa irratti dhiibbaa hamaa qabaata jechuun sodaa qaban ibsaniiru.

Bulchaan naanno Amaaraa haaraan obbo Araggaa Kebbedee kaabinee ofiif ibsa kennaniin, dandeettiin xaa’oo raabsuu kan dajangeffame sababaa walitti bu’iinsaani jedhan.

Waajjirri komiishinera mirga namoomaa ol aanaan kan dhimmootii mirga namaa gama biraan baatii baatii Adoolessaa qabee walitti bu’iinsa humnootii mootummaa fi garee hidhatee socho’o faannoo gidduutti naannoo Amaaraa keessatti uumameen yoo xiqqaate namoonni 183 du’uu beeksisee jira.