Biiroon Fayyaa Oromiyaa tamsa’inni dhibee Busaa bara darbe waliin wal bira qabamee yemmuu ilaalamu barana dachaa sadiin dabalee jira, jedha.
Biiroo Fayyaa Oromiyaatti dursaan garee dhabamsiisa dhibee busaa, Obbo Johaar Qaasim, “godinaalee naannichaa 16 fi magaalaalee Torba keessatti dhibeen busaa bifa weeraraatiin argamuu himanii, keessumaa Oromiyaa lixaatti tamsa’inni dhibichaa guddaa dabalee jira, jedhan.