Kutaan Yunaayitid Isteetis Noorzi Karoolaayinaan Obamboleettii Hamaan Rukkutamte 

  • VOA

FAAYILII - Mukaa bubbee hamaadhan kufe, Fulbaana 30, 2022.

Omboboleettiin Tirooppikaalii Idaaliyaa Kamisa kana rooba cimaa Kutaa bulchiinsa Yuunaayiitid Isteetsi Noorzi Karoolaayinaa fiddera, Roobni cimaan kunis erga Filooridaan Omboboleettii Harikeeniin rukkutamtee guyyaan tokkoon booda.

Gidduu galli Oboomboleettii Biyyaalessaa Heriikeen akka gabaaseetti Noorzi Karoolaayinaatti naannoo qarqara galaanaatti lolaa cimaan mudachuu fi Obomboleettiin kun guyyaa tokkoo booda gara galaana Atilaantikiitti akka deebi’u gidduu galli kun beeksiiseera.

Obomboleettiin cimaan kun Roobii kaleessaa Qarqara Galaanaa Filooridaa kan rukkutee fi akkuma Heriikeen humna guddaa qabaachuu jiraattoonni himaniiru.

Akka Jiraataan tokko dubbatetti “ Baaxiin manaa anaa fi Ijoollee koo sadii akkasumas mucaa Akaakayyuu koo nu rukkute. Intalli koo ulfa ji’a shanii turte. Yeroo baaxiin manaa nurratti kufu isheen sireerra gadi ciiste isheerraa ol kaasuufis ulfaata ture jechuun haala keessa turan himu.