Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kaabaa Aanaa Daaraatti walittibu’iinsa tibbana hidhattoota Faannoo fi humnoota mootummaa gidduutti uumameen lammiileen nagaa du’uu jiraattonni aanichaa Sagalee Ameerikaaf himaniiru.
Namoonni yaada kennan kunneen "Hidhattoonni Faannoo daangaa cabsanii naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kaabaa aanaa Daaraa seenuun waraana raayyaa ittisaa fi humnoota nageenyaa naannoo Oromiyaa waliin walittii bananiiru.” Jedhan.
Dhimma kana irratti gama Hidhattoota Faannoo akkasumas ajajaa Komaand Poostii Shawaa Kaabaa irraa deebii argachuuf carraaqqiin taasisne hin milkoofne. Gama biraatiin, dursaan ajajoota waraanaa Itiyoophiyaa, Fiildii Maarshaal Birhaanuu Juulaa, "rakkoon naannoo Amaaraa ammatti sadarkaa yaaddessaa irra hin jiru" jedhanii jiran.