Itiyoophiyaa Kibbaa keessatti seera tumtoonni mormitootaa fi miseensonni mana maree naannichaa, qondaaltonni naannoo godiina Amaaroo-Koree, sochii isaanii daangessuu fi hojii naannoo itti filatamanii akka hojjetan hin hayyamne jechuun himatu.
Seera tumtoota mormiitootaa keessaa tokko fi Miseensa Paartii Izeemaa kan ta’an Dr.Awaqee Amzaaye RSAf akka himanitti, walga’iin namoota naannoo filannoo sana jiran waliin wal arguuf karoorfate haqameera.
Miseensonni mana maree mootummaa naannichaa lama, kanneen miseensa paartii mormituu Izeemaa ta’an, yeroo boqonnaa gannaa kanaatti naannolee filannoo isaanii waliin walga’ii akka hin geggeessineef hayyamni dhowwamaniiru jechuun yaaddoo wal fakkaataa dhageessisaniiru.
Bulchaan olaanaa goodiina Amaaroo Kooree Waganee Bizunah RSAf akka himanitti, sochii miseensota paarlaamaa kan daangessan sababa yaaddoo nageenyaatiin jechuu isaanii Yonaataan Zabdiwoos Hawaasaa irraa gabaaseera.