Horroo Guduruu Wallaggaa, Aanaa Abee Dongorootti Aaangawoonni Mootummaa Lama Ajjeesaman  

Your browser doesn’t support HTML5

Naannoo Oromiyaa, Godinaa Horroo Guduruu Wallaggaa, aanaa Abee Dongorootti, aangawoonni lama – jechuun itti gaafatamaan wajira nageenyaa fi itti gaafatamaan waajira nageenyaa fi itti gaafatamaan Waajira Milishaa torban dabre, gaafa Roobii haleellaa hidhattootaan irrattia raaw’atameen ajjeesamuu, bulchiinsi aanichaa beeksisee jira.

Haalli nageenya aanichaa akka hin tasgabbaa’iin eeree jira, sababaa kanaanis reeffa aangawoota lameen ajjeesamanii argatanii awwaaluun akka hin danda’mne ibsee jira. Aanaalee godinaalee Wallaggaa naannoo Amaaraa wajjiin wal daangessan keessatti yaaddoon nageenyaa ammallee akka itti fufee jiru dubbatu, bulchiinsi aanichaa fi jiraattonni.