Dhaabbileen Siivikii Itiyoophiyaa Keessa Jiran Walitti-bu’insawwan Haala Waarawaan Furuuf Akka Waltajjiin Marii Hundeeffamu Gaafatan

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Dhaabbileen ka mootummaa hin ta’iin Itiyoophiyaa keessa socho’aa jiran 35, walitti-bu’insawwan yeroo ammaa biyyattii keessatti mul’ataa jiran karaa waarinsa qabuun akka furmaata argatu kan fala barbaadu waltajjiin marii nageenyaa sadarkaa biyyaalessaatti akka qophaa’u waamicha dhiheesanii jiru.

Dhaabileen kun Roobiidheengaddaa Finfinnee keessatti ibsa kennaniin waggaa xumuramaa jiru kana keessatti walitti-bu’insawwan biyyatti keessatti bakka adda addaatti taasifamaa jiran waggaa haaraa Itiyoophiyaa dhufaa jiru keessatti itti fufuu malu, yaaddoo jedhu qaban.