Hoogganoonni Mormitootaa Kamiisa Maqalee Keessatti Hidhaman Gadhiifanii Jiru 

  • VOA

FAAYILII - Magaala Maqalee, naannoo Tigraay

Hiriira nagaa magaalaa Maqalee keessatti Kamiisa dabree Qaammee 2 bara 2015 gaggeeffamee tureetti fufee, hidhamanii kan turan hogganoonni paartii afurii hiikamanii jiru. Hiriirri kun humnootii nageenyaan addaan kan faca’ee yoo ta’u, hogganoonni paartii fi namoonni kanneen hiriira kana irratti hirmaatan reebamuu fi hidhamuu isaanii gabaasuun keenya ni yaadtama.

Hogganoota paartii hidhaman keessaa dura ta’aa paartii Areenaa kan ta’an obbo Amdoom Gabrs Silaasee, sababaa hiriira kanaan namoonni 150 ol hidhamanii akka turan ibsan.

Gaafa Jimaataa hogganoonni paartii arfanii mana murtii qadaamaay wayaanee jedhamu kan Maqalee duratti dhiiyaatanii, tokkoon tokkoon isaanii wabii qarshii kuma kudhaniin akka gadhiifaman murtaa’uus, poliisiin nu gadhiisuuf fedhii waan hin qabneef jecha, haga wiixata har’atti turfamanii waaree booda gadhiifamuu isaanii ibsan.

Hirmaatonni hiriira nagaa Sanaa kannen biroon, waraqaa eenyummaa isaanii wabii ta’eefii gadhiifaman.

Ajajaan waajiira polisii kan magaalaa Maqalee Komaandar waldaay Maawucaa turban dabree sabaa himaaf ibsa kennaniin, lakkoobsii namoota hidhamanii 49 qofa jedhan.kana malees polisiin miidhaa tokko malee hiriira seeraan alaatii ittiin jedhan sana to’achuu isaa ibsanii jiru.