Gamtaan Afrikaa Gree Biyyoota G-20tti Dabalamuu Simatamee Jira 

  • VOA

FAAYILII - Waajjira Gamtaa Afrikaa, Finfinnee, Caamsaa 25, 2023.

Pireezidaantiin Gamtaa Afrikaa Azaal Assoumaani Dilbata kaleessaa jechuun Fuulbana 10 Gamtaan Afrikaa garee G-20tti dabalamuu isaa kabajanii jiru. Kana malees balaa sochii humna Richeer Skeeloo 6.8 ta’e fi biyyattii mudateen yoo xiqqaate lubbuu namoota 2,100 galaafate booda, ummata Morookoof mararfannaa qaban ibsaniiru.

Kan miseensoota biyyoota 55 qabu Gamtaan Afrikaa, garee kana bakka bu’ummaa akka qabaatu gochuuf jecha, miseensa dhaabbataa garee G-20, Gamtaa Awurooppaa waliin walqixa ta’uun sirnaan gaggeeffamee ture.Kunis bakka bu’ummaan garee sana keessatti akka dabalamuu gochuufi.

Hanga ammaatti miseensa garee G20 kan turte Afrikaa Kibbaa qofa turte. Gamtaan Afrikaa seenuun isaa, Addunyaa garri kibbaa, sagalee guddaa akka qabaatan gocuun, garee G-20 keessatti biyyoonni G-7 jedhaman yeroo dheeraaf gahee olaanaa qabaatan irratti sagalee guddaa kenna.

Tarkaanfiin kun kan fudhatame gareen biraa Chaayinaa fi Raashiyaan ol’aantummaa irratti qaban Briiks jedhamu, Sa’uudii Arabiyaa fi Iraan akkasumas biyyoota biro ofitti dabaluudhaan, erga babal’atee booda. Kunis Beejiing gareen Briiks akka inni garee G-20 jedhamu waliin walgiituu danda’u taasisuuf yaalii goote ta’e ilaalamee jira.