Balaa Kirkira Lafaa Moorookoo Mudateen Namoota Kuma Sadiitti Dhihaatutu Dhume

  • VOA

Namoota balaa kirkira lafaa Morkootti dhaqqabeen midhaman oggaa hojjattonni qarqaarsaa qarqaaran, Morokoo, Fulbaana, 11, 2023.

Moorookoo keessatti balaa sochii lafaa cimaa mudateen, Lakkoofsi namoota du’anii yoo xiqqaate gara 2,497tti ol guddachaa waan jiruuf, baraarsitoonni biyyatti, Wiixata har’as kannen lubbuun hafan barbaadaa jiru. Mootummaan akka jedhetti, gareewwan barbaachaa kan Biriteen, Ispeen, Qaxar fi Yunaayitid Arab Emireet irraa dhufan, gandoota gaarreen Atlaas keessa jiran keessatti tuullaa caccabaa jiru qotuuf tattaaffii taasifamaa jirutti dabalamaa jiru.

Balaa sochii lafaa humna Riichar skeel 6.8 qabu kun Jimaata halkan kan mudate yoo ta’u, namoota du’aniin alatti yoo xiqqaate namoonni 2,476 madaa’anii jiru. Qorannoon Ji’ooloojii kan Yunaaytid Isteetis akka jedhetti, wiirtuun sochii lafaa kun Marrakech Kibba Lixa irraa kiiloo meetira 72 fagaatee argama.

Tokkummaan Mootummoota akka tilmaametti namoonni 300,000 balaa kanaan kan miidhaman yoo ta’u, sochiin lafaa kun jaarraa tokko keessatti humna guddaa Morookoo mudatedha.

Tattaaffiin baraarsaa suuta gaggeeffamaa kan jjiru yoo ta’u, lammiileen Morookoo tokko tokko mootummaan hojjettoonni baraarsaa dabalataa gara biyyattii akka gargaaran hin hayyamu jechuun marsariitii hawaasummaa irratti komataa jiru.

Pirezidaantiin Yunaaytis Isteetis Joo Baayiden Dilbata kaleessaa ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, bulchiinsi isaanii gargaarsa barbaachisaa kam iyyuu Morookoof kennuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Namoonni balaa kanaan mana ofii dhabanii alatti hafan Dilbata kaleessatti guyyoota waliitti aanan sadiif ala bulaa jiru. Mootiin Morookoo Mohaammad 6ffaan guutuu biyyattii keessatti alaabaawwan gadi bu’ee fannifamuun Dilbata kaleessaa irraa eegalee guyyoota sadiif guyyoota gadda biyyaalessaa akka ta’u ajajan.