Rakkoon Nageenyaa Itiyoophiyaa, Keessumaa Oromiyaa Mudate Mariin Nagaan Akka Furamu Hawwii Isaanii Bara Haaraa Tahuu Jiraattonni Dubbatan

Your browser doesn’t support HTML5

Bara 2015 gama nageenyaatiin rakkoolee heduu tu Itiyoophiyaa mudate. Keessumaa Naannoo Oromiyaa keessatti waraansi gama Lixaa fi Kibbaan eegale dabre kanas babal'atee itti fufee jira, jedhu namoonni biyyattii toora hojii adda addaatti bobba’anii jiran.

Gama biraatiin,waraanni kaaba biyyattii, naannoo Tigraay keessatti geggeessamaa ture karaa nagaan furmaata argacbuun isaa milkaa'ina, jedhu – namooni Sagaleen Ameerikaa dubbise kunneen. Haala nageenya Itoophiyaa gaaga'ama siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa fide kana fooyyessuuf otuu mariin karaa nagaa geggeessamee, bara 2016tti furmaata argatee hawwii isaanii tahuulee ibsanii jiru.