Lammiwwan Yunaayitid Isteetis Waggaa 22ffaa Haleellaa Shororkeessotaa Fulbaana 11 Yaadatanii Oolan

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Lammiiwwan Ameerikaa balaa shororkeessotaa Fulbaana 11 bara 2001 biyyattii keessatti geggeessamee lubbuu namaa fi qabeenyaa irra miidhaa guddaa geessise of duuba ilaaluun, gochaalee adda addaatiin waggaa digdamii lammaffaa isaa yaadataa oolan.

Namoonni Wixata har’aa bakka yaadannoo fi galma magaalaalee, mooraa mana barnootaa fi bakkawwan birootti walittiqabamanii sirna yaadannoo guyyichaa geggeessuun isaanii gabaasamee jira.