Wiirtuun ajja labsii yeroo atattamaa Ityoophiyaa , erga labsichii hojii irraa oolee Hagayyaa 4 bara 2023 kaasee namoottan 764 too’annoo jala oolchuu isaa ibsee jira. Ajajinni labsii yeroo atattamaa ibsa isaa kanaan, yeroo amma magaala Kombolchaa, Gondor, Baahirdaar, Shawaa Roobiti fi Awaash Arbaa keesaa bakkaa namoottaan too’annoo jalaa oolan itti tursamanu akka qabu beeksiseera.
Bakkawwan kana keessa namoottan qabamanii jiran boordii qorannoo labsii yeroo atattamaa fi Komishiiniin Mirga namoomaa Itiyoophiyaatiin kan daawwataman ta’uu isaanii kan ibsee wirtuun labsii yeroo atattamaa kun, bakkawwan kanaa alaatti nammoottan qabamanii hidhaman akka hin jirre beeksiseera.
Gareewwaan tokko tokko, ijoolleewanii fi namoottan biroo umnaan qabamanii dhoksaadhaan akka hidhamanii jiran oduun tamsaasaa jiran dhugaa akka hin taane ibsee, beekumsaa wiirtichaatiin ala namoota qabanii hidhuun yakka ta’uu isaa akka ibsee Malaskaachoo Ammaahaa gabaaseera.