Godaantota Benishaangul Gumuz Keessa Jiran Keessaa Daa’imman Afur Dhibee Busaa fi Hanqaina Nyaataan Du’an

Your browser doesn’t support HTML5

Walwaraansa Sudaan keessa jiru baqachuun godaantota gama Naannoo Benishaangul Gumuziin daangaa Itoophiyaa seenan keessaa torban darbe keessaa daa'imman 4 dhibee busaa fi hanqina nyaataatiin du'uu isaanii mootummaan naannichaa beeksise.

Komishinarri Komishinii Hooggansa Sodaa Balaa Naannoo Benishaangul Gumuz Mohaammad Abdullaaziz, lakkoofsi godaantota Sudaan keessaa naannicha seenan kuma 15 fi 500 ka caaluu tahuu Sagalee Ameerikaatti himan.